
Labsa Maree Dubartoota Oromoo Addunyaa
Jarmayootni dubartoota Oromoo maqaan isaanii kanaa gadi jiru:
Ijaarsa Dubartoota Oromoo Addunyaa, USA; Ijaarsaa Dubartoota Oromoo, Frankfurt, Jarmanii; Golaabayii Tajaajila Barnoota Dubartoota Oromoo Online, Denmark;
Guyyota sadiif magaala Frankfurt, Jarmanii, keessatti barmoota fi maree gaggessineen rakkinoota hawaasummaa, diingadee, siyaasaa fi aadaa dubartoota Oromoo irra jiru irratti bal´inaan haasofnee hubbannoota bal’aa irra geenyee jirra. Qabsoon Dubartooti Oromoo hacuuccaa hawaasummaa, cunqursaa polotikaa fi saaminsaa diinagdee jalaa bahuudhaan mirga isaanii gonfachuuf deemsisanu fi kan ummatni Oromoo biyya ofii irratti abbaa biyyummaa isaa deebifatee hiree ofii murteeffachuuf deemsisaa jiru wal irraa adda bahee hin ilaalamu. Qabsoo Sabaa fi bilisummaa ummataa walii gala dhugoomsuuf ammoo qoodnii dubartootaa murtessaa ta’uun falmsiisaa miti. Haga ammaatti garuu, jaarmiyoota Saba keenyaa kessatti qoodnii isaan taphachuu malan quufsaa ta’uu dhabuunii fi keessattuu hogganaa qabsoo keessatti bakka dhabuun isaanii hir’inaa guddaa ta’uu caalaa qabsoo ummata keenyaa hedduu hubee argama.
Biyya keenya keessatti mirgootni ilmaan namaa uumamaan qabanu, mirgi namoomaa bu’uraa addunyaan hundi fudhate kabajamuu dhabuun fi mirgi siyaasaa, dinagdee fi namoomaa irra ejjetamuun, dubartoota, shammarrani fi daa’imman Oromoo dhukkuba, hiyyuma, gabrummaa baranetti daran saaxilee argama. Kana jalaa bahuufis biyya ofii keessatti abdii dhabuu dhaan hedduun baqatanii addunyaa keessa faca’anii rakkatu. Dhibdee ummata keenya fi keessattuu dubartoota Oromo irra gahaa jiru salphisuuf jarmayaa jabaa akka feesisu ifaa dha. Kanaafis tokkummaa fi gurmuu dubartootaa Oromo jabessuunii fi humneessuun yoomiyyuu caalaa gaaffii bu`uraa ta’ee jira. Kana irratti hubannoo bal’aa umuun fi meeshaa qabsoo humneessuu fi jabeessuun waan yeroon hinkennamneef ta’ee argama. Nutis akka murnaa hawaasaa wayyaba fi murtessaa tokkotti akeeka kana dhugoomsuuf qooda nurraa eegamuu ni gumaachina. Murnoonni hawaasaa Oromoo hundis faana keenya akka hordofan yaamicha gonaaf.
Har’a rakkinni waliigalaa ummata keenya irra jiru dubartoota Oromo irratti daran hammaachuu caalaa jaarmayaa isaan gurmeessee mirga isaanii ittiin falmatan hin qabanu. Kanaafis hir’ina kana dhawaataan guutuuf hidhata (Network) ijaarsota dubartoota Oromoo jabeessuu fi babal’isuuf waliigallee jirra. Akkasumas;
Dubartootni Oromoo qaama hawaasa Oromoo kessaaa walakkaa ol ta’uu isaanii ilaacha keessa galchuudhaan;
Sochii qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti sagalee isaaniif malu, keessattuu sadarkaa hogganummaa fi waa murteessuu keessatti qooda dhabuu isaanii bal`inaan irratti mariyatnee;
Dubartooti Oromoo akka nama tokkoottis ta’e akka jaarmayaatti of ijaaruudhaan sagalee isaanii akka dhagessisanii fi bakka isaaniin malus qabaachuuf akka warraaqan waamicha goonaa, akkasumas warra of ijaaran bira dhaabbanna.
Jarmiyooti Oromoo siyaasaa, qamoota Hawasaa, Amantii, Aadaa fi waldaleen beektootaa, waliigaltee fi seeroota mirga dubartoota irratti bahan hunda akka qaama sochii, heeraa fi seeraa isaanii godhatanii miseensotaa fi deggartoota isaanii barsiisaan, qaamota hunda keessattis qooda dubartootaa akka guddisanu jabbessinee gafannaa.
Dubartooti Oromoo rakkoo karaa hawasummaa, dinagdee, siyaasaa fi aadaan isaan irra gahu irra akka aananuuf barsiisaa, damaqinsaa, dagaagsuu fi aangessuu irratti hojjenna.
*Maree*Dubartoota*Oromoo* Addunyaa*;
Addolessa 24. 2011, Frankfurt, Jarmani